Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaadhaaf deeggarsa talaallii vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona 2.2 laatte

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC)- Chaayinaan Ityoophiyaadhaaf deeggarsa talaallii vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona 2.2 laachuuf waliigaltee mallatteessite.

Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Chaayinaa Zaawoo Zyoohaanii fi Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan mallatteessaniiru.

Deeggarsichi biyyoonni Afrikaa fi Chaayinaa vaayrsii koroonaa ittisuuf tattaaffii taasifamuuf shoora olaanaa qaba jedhameera.

Dooktar Liyaan mootummaan Chaayinaa kana dura itti fufiinsaan yeroo afuuriif talaallii vaayrasii koroonaa Sinoofaarm taasisuu yaadachiisaniiru.

Deeggarsi amma doozii miiliyoonni 2.2 taasifamees marsaa 5ffaafi jedhaniiru.

Mootummaan Chaayinaa hanga ammattis talaallii vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona 7.5 Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuu Dooktar Liyaan yaadachiisaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.