Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaaf deeggarsa meeshaalee ittisa weerara awwaannisaaf oolan taasifte

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2013 (FBC) –Chaayinaan Ityoophiyaaf deeggarsa konkolaattootaa fi meeshaalee farraa ilbiisoota weerara awwannisaa ittisuuf oolan taasisuu ishee Ministeerri Qonnaa Beeksise.

Deeggarsichan meeshaalee farraa ilbiisoota weerara awwaannisaa, meeshaalee keemikaala farraa ilbiisoota biifuuf olaan haammatamaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhinsichaarratti Ministir deettaan Ministeera Qonnaa Dooktar Maandafiroo Nigusee, deeggarsi Chaayinaan taasifte sadarkaa biyyaaleessaatti hoomaa awwaannisaa ittisuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo baraa dheeraa kan qabanii fi damee qonnaarrattis waloon hojjechaa jiraachuu isaanii ragaan Ministeera Qoonnaarra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.