Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan konkolaattotaafi hidhannoowwan Doolaara kuma 600 olitti tilmaamaman Poolisii Federaalaaf deeggarsa taasiste

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015(FBC)- Mootummaan Chaayinaa konkolaattotaafi hidhannoowwan Doolaara kuma 600 olitti tilmaamaman Poolisii Federaalaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasise.

Konkolaattota Kooroolaa Paatirool Kiroosii 5, konkolaataa rasaasa ofirraa ittisuu danda’u 1,  meeshaalee laabiraatoorii foorensikii fi maallaqa dabalatee deeggarsa waliigalaa Doolaa Kuma dhibba 6’tti shallagamu taasisuu eerameera.

Deeggarsicha Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiyaawaan Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’elitti dabarsanii laataniiru.

Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el haasawaa taasisaniin, dhaabbatichi guddina diinagdee ariifashiisuuf, sochiin daldalaa akka guddatuufi nageenyi invastimantii akka mirkanaa’uuf gahee olaanaa qabaachuu eeruun, hojiifi itti gaafatamummaasaa haalaan akka ba’atuuf teekinooloojiin akka deeggaramuuf dursi kan kennamuuf ta’uu dubbataniiru.

Deeggarsa meeshaaleefi ijaarsa humna namaarratti mootummaan chaayinaa taasisaa tureef galateeffataniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiyawaan gamasaaniin, hariiroo gaarii biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanuutti ceesisuufi imala jijjiiramaa poolisiin federaalaa eegale itti fufsiisuuf yeroo ittaanutti mootummaan Chaayinaa deeggarsa teekinooloojii garaagaraa ni taasisa jechuu ragaan poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.