Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan marsaa 3ffaaf deeggarsa meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa taasifte

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Mootummaan Chaayinaa marsaa 3ffaaf deeggarsa meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa Ityoophiyaaf taasise.

Deeggarsichaan haguugduu afaanii fi funyaanii sarjikaalaa kuma dhiibba 5, haguugduu afaanii fi funyaanii kuma 65, uffannaa fi kophee meedikalaa kuma 10 akkasumaas meeshaalee sarjikaalaa kumatamatti lakkawwaman taasifameera.

Mootummaan Chaayinaa tattaaffii weerara vaayrasichaa ittisuuf Ityoophiyaan taasiftuuf deegarsisa irraa kan adda hin baanee fi weerarichi erga biyyaa seenee baatii Bitooteessaarra eegalee deeggarsa taasiftuu osoo addan hin kutiin itti fufsiisuu Finfinneetti kan argamuu Imbaasiin Chaayinaa beeksiseera.

Baatii Ebila Chaayinaarra kan dhufaan ogeessonni fayyaa guyyoota 15 Ityoophiyaatti deeggarsa yaala taasisuun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.