Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan ministira alaa duraanii Ameerikaa Maayik Poompeeyoon dabalatee Ameerikaanoota 28 irra qoqqoobbii keesse

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Chaayinaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa duraanii Maayik Poompeeyoon dabalatee Ameerikaanoota 28 irra qoqqoobbii kaa’uu ibsame.
Qoqqoobbichi qaamoleen kunneen dhimma keessoo Chaayinaa keessa galan jechuun ta’uu Manni Hojii Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa beesksiseera.
Gorsaan dhimma daldalaa Tiraamp Piitar Naavaaroo, gorsaa tika nageenya biyyaalessaa Roobarti Abriiyaan, gargaaraa barreessaa Baha Eeshiyaa fi dhimmoota Paasiifiik Deeviid Istilwiil, Ministira Fayyaa Aleeksi Azaar, gorsaa jila dhaabbata mootummoota gamtoomanii Keelii Kiraafiit, gorsaa duraanaa tika nageenyaa biyyaalessa Joon Booltanii fi gorsaan duraanii Isteefan Baanoon kanneen qoqqoobbiin irra kaa’ame keessa isaan duraati jedhame.
Ministeerichi hoggantoonni duraanii qoqqoobbiin irra kaa’ame kunneen fedhii siyaasaa dhuunfaa isaanii, jibba Chaayinaaf qaban, ummata Chaayinaa fi Ameerikaaf kabaja tokkolee warreen hin qabne ta’uu isaaniin akka ta’e ibseera.
Manni Maree nageenyaa Bulchiinsi Baayidan tarkaanfichi bu’aa qabeessa kan hin taanee fi shiraan kan guuttameedha jechuun ibseera.
Maddi:-Aljeeziiraa
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.