Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaaf Kooriyaa Kaabaa waliin qindoominaan ni hojjetti – Shii Jiinpiing

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Chaayinaan nageenyaa fi tasgabbii addunyaaf Kooriyaa Kaabaa waliin qindoominaan hojjechuuf murannoo qabaachuu Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing ibsan.

Kooriyaan Kaabaa irra deddeebiin Misaa’ela furgugsuu ishee hordofee Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing Hogganaa biyyattii Kiim Joong Uuniif ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, Beejiing nageenya waaraa, tasgabbii, misoonaa fi Badhaadhina addunyaaf Piyoongiyaang waliin qindoominaam hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Biyyi isaanii dameewwan adda addaan Kooriyaa Kaabaa waliin tumsaan hojjechuu kan barbaaddu ta’uu himaniiru.

Maddi:- Aljaziiraa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.