Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan qajeelfama misooma biyyaa keessaan giddu seentummaa qaama kamiiyyuu akka hin barbaachifnee hubachiifte

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Chaayinaan ofiin of bulchuu fi mirgi misoomuu mirgoota namoomaa kan  dursan ta’uu hubachiifte.

Preezdaantiin Chaayinaa Zhi Jinping akka himanitti, dhimma biyya isaaniirratti giddu seentummaan humnoota alaa diigaa ta’uu himaniiru.

Zhi Chiinpiing, Ittigaafatamaa Mirga Namoomaa Dhaabbataa Mootummootaa Gamtoonamii Miisheel Baachleet waliin karaa marsariitiin walqixxummaa fi dhimma mirga namoomaarratti mari’achuun isaanii himamera.

Zhiin, kabajamuu mirga namoomaa mirkaneesuuf biyya isaanii hojiilee hedduun akka eeggatuun hinhaalle.

Chaayinaan seenaa fi aadaa isheerraa kan burqan daandiin mirga namoomaa ummataa ittiin mirkaneessaan akka qabdu himanii, daandii biyyi isaanii mirga namoomaa kabajchiisuuf hojjettu kabajamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Murtiin mirga namoomaa seenaa, aadaa, haalaa yeroo, sirna hawaasummaa fi guddina dinagdee biyyootaa nkan ilaalamuu ta’uu ibsaniiru.

Haqa lafarraa jiru utuu hinhubatiin sirna yookaan moodala biyyoota biroorraa waraabuun hojiirra oolchuuf yaaluun biyya diiguu ta’uu ibsuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.