Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Sudaan Kibbaaf Ruuzii toonii kuma 3 deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC) – Chaayinaan Sudaan Kibbaatti lammiilee balaa lolaan miidhamanii fi rakkoolee garaagaraaf saaxilamaniif Ruuzii Toonii kuma 3 deeggarsa taasiifte.
Tooniin kumni 1 fi 500 deeggarsaa hatattamaan namoota balaa lolaan miidhamaniif kan dhiyaatu ta’u Sudaan Kibbaatti Imbaasiin Chaayinaa beeksiseera.
Ministeerri Dhimma Deeggarsa Namoomaa Sudaan Kibbaa Piitar Maayeen Maajoongid maqaa ummata biyyattiin mootummaa Chaayinaa galateeffataniiru.
Hariiroon bara dheeraa Sudaan Kibbaa fi Chaayinaa ammas cimee itti fufa jedhan.
Deeeggarsi kun yeroo biyyattiin balaa lolaa, rakkoo nageenyaa fi hanqinaa midhaan nyaataan miidhaamaa jirtuutti deeggarsa murteessadha jedhan walitti waqabaan Koomishinii Deeggarsaa fi Deebisanii Dhaabuu Sudaan Kibbaa Minaaseen Loomooleen.
Balaan lolaa qaqqabe lubbuu namaa hedduu galaafachuun, oomishaa fi qabeenya barbadaassuun lammiilee biyyatti hedduu hanqina midhaan nyaataaf saaxiluu Minaaseen Loomooleen dubbataniiru.
Sudaan Kibbaa boba’aan badhaatuu taatus gatiin boba’aa addunyaarratti gadi bu’uun isaa biyyattii gaga’ama diinagdee hamaaf saaxileera jedhan.
Rakkoo dura tureetti weerarri vaayarsii koroonaa fi balaan lolaa dabalamuun namoota kuma dhibba 5 miidhaaf saaxiluu himaniiru.
Balaan lolaa dhiyeenya kana bulchiinsa Yuuniitii, Joongilee fi iddoowwan birootti muudateen lammiilee hedduu miidhuun isaa mootummaa fi ummata Chaayinaa yaaddessuu Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Huuwaa Niing dubbataniiru.
Bara Faranjootaa 2018 hanga har’aatti Chaayinaan Ruuzii Toonii kuma 9 fi 600 Sudaan Kibbaaf deeggarsa taasisuu Huuwaan dubbataniiru.
Hariiroon Sudaan Kibbaa fi Chaayinaa kallattii hundaan cimee itti fufa jedhan.
Maddi:-CGTN
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.