Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan yaalii balallii xiyyaara  C-919 taasifte

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) – Chaayinaan yaalii balallii xiyyaara yeroo jalqabaaf hojjette xiyyaara daldalaa C-919 jedhamu  taasisuu Korporeeshiniin Xiyyaarota Daldalaa Chaayinaa beeksise.

Dhaabbatichi xiyyaara oomishuu bara faranjootaa 2015tti addaan kutee kan ture yoo ta’u, bara 2017 gara hojiitti deebi’uun balallii jalqabaa milkiin gaggeesseera.

Bara 2019 irraa eegalee jeettiiwwan C-919 oomishuun magaalaa Shaangaay dabalatee bakkeewwan garaagaraatti yaaliiwwan addaa addaa taasisuu gabaafameera.

Dhaabbatichi bara 2020tti eeyyama sakkattoo argachuufi yaalii balallii xiyyaarota C-919 taasisuu eerameera.

Daandiin Qilleensaa Bahaa biyyattii xiyyaaricha balallii biyya keessaa magaalaa Shaangaayiin walquunnamsiisan irratti bobbaasuuf karoora qabaachuu ibsameera.

Xiyyaarri C-919 teessoowwan imaltootaa 158-174 kan qabu yoo ta’u, sadarkaa giddugaleessaan fageenya kiiloomeetira kuma 4fi 75, sadarkaa olaanaan ammoo fageenya kiiloomeetira kuma 5 fi 555 kan haguugu ta’uu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.