Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 25 darbe

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Balaa lolaa giddugala Chaayinaa bulchiinsa Heenanitti muudateen lubbuun namoota 25 darbuu ibsameera.
Balaa lolaa buchiinsa Heenaanitti muudate kanaan namoonni 12 as buuteen isaanii dhabamuu fi namooni miiliyoonni 1.2 rakkoof saaxilamuu aanga’oonni biyyattii ibsaniiru.
Namoonni kumni dhibbi 1 ol ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu eerameera.
Bulchiinsa Heenanitti namoonni miiliyoona 94 ta’an balaa kanaaf saaxilamuu akka danda’an of eeggannoon laatameera.
Maddi: CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.