Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti koronaavaayirasiin hanga ammaatti lubbuu namootaa 41 darbe

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Chaayinaatti koronaavaayirasiin hanga ammaatti lubbuu namootaa 41 darbe.
 
Addunyaan waa’ee vaayirasii kanaa yaaddoo keessa seenuun, biyyoonni garagaraa ofeeggannoo taasisaa jiru.
 
Ityoophiyaattis imaltoota biyya Chaayinaarraa dhufan irratti Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booletti qorannoon taasifamu guyyootaan dura – Amajjii 13 bara 2012 eegalameera.
 
 
Institiyuutin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhimma vaayirasichaarratti ibsa Jimaata kenneen, “Dhimmicha of eeggannoon hordofaa turuu ibse. ‘Biyya keenyaaf haalli sodaachisaan tahe hin jiru,” jedheera.
 
Daayrektarri olaanaa Institiyuutichaa Dooktar Eebbaa Abaata, ”Namootni dhimmicharratti odeeffannoo barbaadan sarara bilbilaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo argachuu danda’u,” jedhaniiru.
 
Vaayrasichi yeroo ammaa kana biyyoota 10 keessatti kan uumame yoota’u, kanneen keessaa baayyinaan biyyoota Eshiyaadha.
 
Bu’uuruma kanaan Ameerikaa, Faransaay, Jaappaan, Taaylaand, Kooriyaa Kibbaa, Awustaaliyaa, Maalezhiyaa fi biyyoota biroo keessatti uumamu himameera.
 
Chayinaatti hanga ammaatti vaayirasichaan lubbuun namoota 41 yoo darbu, namoonni kuma 1fi 300 ta’an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru.
 
Maddi: – Rewutaars
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.