Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti sammuu ga’eetti tokko keessaatti lilmoowwan dheerina seentii meetira 5 qabantu argame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Chaayinaattii sammuu ga’eetti tokko keessaatti lilmoowwan dheerina tilmaama seentii meetira 5 qaban argamuu dhaga’ameera.

Ga’eettittin kana kan bartee balaa konkoolaataa isheerra ga’eerratti hundaa’uun qorannoo Siitii Saakaanii taasifteen ta’uu beekameera.

Lilmoon argamee baliicha waliin hidhataa kan hin qabne ta’uu ibsameera.

Dabalataniis ga’eettittin jireenya ishee keessaatti balaan sammuu cimaa akka ishee hin mudanne himameera.

Dooktaronni ishees lilmoon kun tasaa ykn ta’ee jedhamee sammuu ishee seenee jedhanii akka hin amannee dubbataniiru.

Ga’eetittii dhukkubbiin mataa mudatee akka hin beekne kan dubbatte yoo ta’u, lilmoowwan kunnnenis rakkoo akka hin uumne mirkana’eera.

Maddi:-Odiity Sentiraal

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.