Fana: At a Speed of Life!

Cuuphaan Ayyaana Amantaa, Aadaa fi Sabdaneessummaati – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Kataraa fi Cuuphaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Cuuphaan Ayyaana Amantaa, Aadaa fi Sabdaneessummaati jedhan.

Iyyesuus Kiristoota samiirraa bu’ee harka Yoohaannisiin laga Yoordaanositti cuuphamuun Addaam badee ture barbaaduuf imala taasiseedha.

Iyyesuus Kiristoos Addamaa bakka kufee kaasuuf Beetaliheemitti dhalachuu hanga Qaraniyootti fannifamuu dhama’eera.

Kanaanis Addaam kabaja duraatti deebisuu qofa osoo hin taane caalmaatti kabaja kenneefira.

Kunis Itiyoophiyaa har’aaf waan hedduuf kan nu barsiisudha.
Itiyoophiyaan Beetaliheem hanga Qaraaniyootti kan kufte hedduudha.

Tokkoon tokkoo Kufaatii ishee hordofnee kaasuu qabna.

Kufaatii Seenessaa, mootummaa, Diinagdee fi Siyaasaa gara fayyinaatti jijjiiruu qabna jedhan ergaa isaaniin.

Kiristoos Addaam waayita fayyisu akkas yookaa akkana gochuu qabda hin jenne.

Addaam akka humna hin qabne ni beeka waan ta’eef.

Of Fayyisuu akka hin dandeenye ni beeka.

Kanaaf Kiristoos Addaam fayyiseera.

Itiyoophiyaan barootaaf rakkoon dadhabdeerti.

Barootaaf hiyyummaa fi boodatti hafummaan miidhamtee humna dhabdeerti.

Ammatti akkas gochuu qabdi ture wanti jedhu jijjiirama hin fidu.

Nuti ijoolleen ishee waan gochuu qabnu ni goona.

Waa’ee biyya keenyaaf nuti wareegama haa taanu.

Beetaliheemitti dhalaachuun yoo nu barbaachise haa dhalannu.

Galaana gidduu dhaabbachuun nurra yoo jiraates haa dhaabbannu.

Arrabsamuun yoo barbaachisees haa arrabsamnu.

Fannifamuun yoo nurra jiraates haa fannifamnu.

Wanti kun hundi garuu fayyina Itiyoophiyaa kan fidu ta’uu qaba.

Har’as raawwachaa kan jirru kanuma.

Cuuphaan Ayyaana Aadaa keenyati.

Ayyaana dirreetti agarsiifni dhiyaatudha.

Uffataa fi duudhaa keenya addunyaatti agarsiifna.

Miidhaginaa fi yaadaloo keenya dhiyeessina.

Cuuphaan Ayyaana Dirree Goda Hambaa Aadaa Itiyoophiyaati.

Turistoonni hedduun kanaaf gara Itiyooohiyaa dhufu.

Ayyaanni Cuuphaa Baadiyyaa hanga Magaalaa, Daangaa hanga daangaa ayyaana calaqqee eenyummaa Itiyoophiyaati.

Ayyaanni Cuuphaa Ayyaana sabdaneessummaati.

Addabaabayii tokkotti eenyummaan kumaatamaa kan itti mul’atuudha.

Aadaan uffannaa, faayaan mul’atee hin beekne kan itti mul’atuudha.

Cuuphaa keessatti fuula Itiyoophiyaatu argama.

Duudhaa fi aadaa bareeda kana waan nudhaalchisaniif abbootii keenya ni galateeffanna jedhan Dooktar Abiy ergaa baga geessanii dabarsaniin.

Cuuphaan magaalaa fi Baadiyyaa walitti fida.

Hedduun firoottan isaanii argachuuf baadiyyaa deemu.

Kan biyya keessaa fi alaa walitti fida.

Miiliyoonoonni Ayyaana cuuphaa maatii waliin kabajuuf galu.

Kun ammoo sabdaneessummaa keenya caalmaatti cimsa.

Barsiifata Ayyaana Cuuphaa ijaarsa biyyaaf oolchuun, duudhaa isaa gabbisuu fi sabdaneessummaa cimsuun ayyaana yaa kabajnu jechuun ergaa dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.