Fana: At a Speed of Life!

Daa’iimman kuma 10 fayyadamaa kan taasisu Imalli gaaruummaa jalqabame

 

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Daa’iimman kuma 10 fayyadamaa kan taasisu “Harkii gaariin ijoollee Itoophiyaaf” imalli gaaruummaa jalqabame.
Sagantichi daa’iimman sababoota garaagaraan,rakkoof saaxilaman fi barachu hin dandeenye akka barnoota isaani hordoofan taasisa.
Sirna jalqabbi sagantaa irratti kan argaman, ministirri dhimma hojjetaa fi hawaasumma D.r Ergoogee Tasfaayee dabalate anga’oonni olaanoo fi fi ogeessonni Artii argamaniru.
Gochaan tola ooltummaa daanagaa cee’u hariiroo ummattoota cimsuuf gahe olaanaa qaba jedhan D.r Ergoogeen.
Sagantaan “Harkii gaariin ijoollee Itoophiyaaf” jedhu kan qophaa’e dargaggoota Itoophiyaatii kan hundaa’e giddu gala gargaarsa Daa’iimmani “Birtuu Tasfaa” yoo ta’u, meeshaalee barnootaa arjoomtoota irraa walitti qabame daa’iimman magaaloota 8 keessatti jiraataniif kan keennamu taa’a.
Haamar,Chaagni, Dirree Dhawaa,Walaayitaa Soddo, Matahaaraa, Arbaamincii,Hosahana fi Tullu Bollon
fayyadamtoota sagantichaati.
Molitoo Eliyaastu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.