Fana: At a Speed of Life!

Daa’imman geemiirraa fageessun guddina sammuusaaniif faayidaa olaanaa qaba – Qorannoo

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Daa’imman taphootarraa (geemiirraa) fageessun guddina sammuusaaniif faayidaa olaanaa qabachuu qorannoon tokko ifoomse.

Daa’imman umuriin isaani hanga waggaa 5 ta’utti taphoota geemiirra fageessun kitaaba yoo dubbifneef guddina sammuu isaaniif garii akka ta’e qorannoon adda ba’eera.

Qorannoo Sinsinaat jedhamu giduugala daa’immaniirratti qo’annoo taasiseen, daa’imman bilbila sochootuu, laaptooppii fi koompiyuutaraa fi taphoota geemiirraa fageessuun kitaaba yoo dubbifneef guddina sammuu isaanii faayidaa qabachuu ibseera.

Giddugalichi qorannoo daa’immaan 47 irratt taasiseen, barnootaaf hanga ga’anitti daa’imman kitaabni dubbifamaafii guddatan yaada isaanii haala gaariin ibsachuu fi barnoota haala gaarii hordofuurratti olaanaa ta’anii argamaniiru.

Faallaasaatin guyyaatti sa’aatii lamaa oliif geemiiwwan garagaraa warren taphatan yaada ibsuu fi wantoota garagaraa adda baasu irratti bu’aa gadi aanaa muuldhisaniiru.

Maddi:- CNN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.