Fana: At a Speed of Life!

Daandiin lolaa gannaatiin akka hin mancaane hawaasni eegumsaa fi kuunuunsa taasisuu qaba – Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa

Finfinnee, Adooleessa 28, 2013 (FBC) – Daandiin lolaa gannaatiin akka hin mancaane hawaasni eegumsaa fi kuunuunsa taasiisuu akka qabu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa waamicha dhiyeesse.

Oromiyaa keessatti daandiiwwan bara dabre baajata Mootummaa fi hirmaannaa Ummataa guddaan ijaaraman ganna kana lolaadhaan akka hin mancaaneef, caasaan sadarkaan jiruufi Ummanni naannawa jirutti lolaa fi bishaan daandiirra ciisuu irraa qabuudhaan akka eeguu fi kunuunsu Daaryeektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa Injiinar Dajanee Fiqaaduu dhaamaniiru.

Daandiiwwan ijaaraman tajaajila dheeraa akka kennaniif gochootaafi haalawwan daandii mancaasan dursanii ittisuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Daandiin manca’e suphaan gaafatu misooma daandii biraa irratti dhiibbaa uumuun, baasii dabalataaf Mootummaa saaxila kan jedhan Injiinar Dajaneen, tajaajila hawaasaallee danquu waan maluuf kunuunsaa fi eegumsa daandiileef hundu ga’ee isaa ba’u qaba jedhan.

Rakkoo kana furuudhaafis dhimmoota daandii mancaasan dursanii ittisuun filatamaadhaa jedhan.

Caasaan bulchiinsaa sadarkaan jiruu fi Ummanni martii daandiiwwan sababa kunuunsa dhabuun akka hin mancaaneef, eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu akka tasiisu waamicha dhiyeesaniiru.

Akka OBN gabaaseetti Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa raawwii hojii bara 2013 caasaa isaa godinalee waliin gamaaggamuun kallattii hojii bara 2014 kaa’eera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.