Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hooggantoota duraaniif beekamtii kenne

Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa hooggantoota duraanii dhaabbaticha dursaa turaniif beekamtii kenneera.

Hoggantoota dhaabbaticha sadarkaa hoggansaa garaagaraatti tajaajilaa turan Obbo Girmaa Waaqee fi Tawaldee Gabramaariyaam dabalatee kanneen dhaabbatichi sadarkaa amma irra jirurra akka gahuuf gumaacha olaanaa taasisaniif beekamtii kenneera.

Hoggantoonni kunneen Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa waggoottan darbaniif daandii milkaa’inaarra akka imaluuf kanneen qooda olaanaa qaban ta’uu ragaan Daandii qilleensicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.