Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Kaampanii softiweeriifi teeknooloojii dhiyeessuu “Saabree” jedhamu waliin waliigalte hojii haaromse

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC)-Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Kaampanii softiweeriifi teeknooloojii dhiyeessuu “Saabree” jedhamu waliin waggoottan 7 dhufaniif waliin hojjechuf waliigaltee Doolaaraa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 haaromse.

Waliigaltee kanaanis Daandiin qilleensa Ityoophiyaa sirna tajaajila teeknooloojii imaltootaa Saabree “ Saabree Soonik” jedhamu fayyadamu itti fufa jedhame.

Kunis daandiin qilleensa sirna bittaafi gurgurtaa ammayyeessu, hanga galii dabaluu fi imaltootaaf haala mijaataa akka uumuuf himameera.

Itti aanaan preezdantii Korporeshinii Saabiree Diinoo Geelmaati Daandiin qilleensichaa dhiibbaa tatamsa’ina Covid -19 keessaa osoo jiruu indaastirii Aviyeeshiniin milkaa’ina galmeessuu itti fufeera jedhan.

Waliigaltichi Daandiin qilleensa bu’uura fedhii gabaa fi dorgommii gabaa irratti yaada gorsaa gatii fi tajaajila dhiyeessuun dorgomaa fi fayyadamummaa isaa guddisa jedhame.

Hojii gaggeessaa Olaanaan Daandii qilleensichaa obbo Tawaldee G/Maariyam teeknooloojii cimaa fi ammayyaan jiraachuun isaa milkaa’ina Daandii Qilleensaaf gumaacha olaanaa ni qabaataa jechuusaanii EeR 101 gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.