Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa yaa’ii Aaviyeeshinii  Afrikaa fi agarsiisa 5ffaa keessummeessufi

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa yaa’ii Aaviyeeshinii Afrikaa fi agarsiisa 5ffaa keessummeessufi

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa yaa’ii Aaviyeeshinii Afrikaa fi agarsiisa 5ffaa akka keessummeessu beeksise.

Daandiin qilleensichaa yaa’ii fi agarsisa kana kan keessummeessu bara Faranjoota Gurraandhala 25 – 26, 2020 ta’u beeksiseera.

Yaa’ii kanarratti hoggantoonni Daandiiwwan Qilleensa Afrikaa, aanga’oonni Siiviil Aaviyeeshinii fi Indastiroonni Daldalaa Aaviyeeshinichaa ni hirmaatu jedhameera.

Yaa’ichi Hooteela Iskaay Laaytitti kan gaggeefamu yoo ta’u, dhaabbileen Aaviyeeshinii idil addunyaa 100 ol ta’an akka hirmaataan ragaan Daandii qilleensicharraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.