Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensa Keeniyaa dabalataan balalii gara biyyoota Afrikaa 3 eegaluufi

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013(FBC)- Daandiin qilleensa Keeniyaa dabalataan balalii gara biyyoota Afrikaa 3 akka eegalu ibsame.

Daandiin qilleensicha biyyoonni inni itti balaalii eegalus Gaanaa, Seerliiyoon fi Laaybeeriyaa ta’uu beekameera.

Torbee kana yeroo afuriif Akraa, torbanitti yeroo lama gara Firiitaawon, akkasumas gara Monoroviyaatti balalii akka taasisu ibsameera.

Balalichaas baatii Fulbaana 16 fi 17 akka eegalu himameera.

Daandiin qilleensicha baatii Bitootessaa weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf tajaajila isaa adda kutee kan ture yoo ta’u, Adoolessa 15 tajaajila balalii biyya keessaa laachuu eegaleera.

Bara Faranjootaa Hagayya 1, 2020 gara Ityoophiyaa fi Britaaniyaattis balalii taasisu kan eegale.

Maddi:-CGTN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.