Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii gara Barbaraatti eegaluufi

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Guraandhala 8, 2014 irraa eegalee balallii gara Soomaaliiland magaalaa Barbaraatti taasisu jalqabuuf akka jiru beeksise.

Daandichi gara magaalichaatti torbanitti yeroo sadii balallii taasisuuf karoora qabaachuu fi gara fuulduraatti lakkoofsa balallii isaa akka dabalu ibseera.

Daandiin qilleensichaa magaalaa Barbaraa akka ga’umsaatti dabaluun isaa walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota baha Afrikaa cimsuurra darbee imaltoota idil addunyaa Awurooppaa, Eeshiyaa, Afrikaa, Ameerikaa Kaabaa, Ameerikaa Kibbaa fi Biyyoota Baha Giddugaleessaaf naannawichatti haala mijataa uumuuf ga’ee kan qabaatu ta’uu ragaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.