Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Keeniyaa yeroodhaf balalii Chaayinaa dhaabe

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Keeniyaa yeroodhaf balalii gara Chaayinaatti taasifamuu adda kute .

Daandiin Qilleensaa Keeniyaa sababa weerara vaayrasii koronaatin balalii gara Chaayinaatti taasifamu yeroodhaf dhaabuu beeksiseera.

Daandichi gara Chaayinaa fi Chaayinaarraa gara Keeniyaatti balalii taasifamu dhaabuusaa beeksiseera.

Daangaan guyyaa dhoorkii balalii marii Ministeera Fayyaa fi Dhimma Alaatin booda kan ifoomu ta’uus beeksiseera.

Ibsa daandichi baasen Chaayinaan alatti biyyoota garagaraatti imalli taasifamu itti fufa jedheera.

Tibba darbe Chaayinaa magaalaa Wuuhaan irraa gara Keeniyaa kan deebi’an barattoonni Keeniyaa hoospitaala keessatti kutaa addaatti qorannoon taasifamaafii tureera.

Afrikaatti namoonni 6 vaayrasichaaf qabamaniirun shakkaman qorannoo taasifameefin booda, hundi isaanii bilisa ta’uun ibsameera.

Maddi:BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.