Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensicha Afrikaatti yeroo jalqabaaf appiileekishiin odeeffannoo qorannoo fi talaallii vaayrasii koroonaa imaltootaa qabatu fayyadamu eegale

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC)-Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa appiileekishii bilbila sochootuu odeeffannoo qorannoo fi talaallii vaayrasii koroonaa imaltoota qabatu fayyadamuun Afrikaarratti isa jalqabaa ta’eera.

Imalaa darbiinsa waldaa geejjibaa qilleensaa idi adduunyaa kan ta’e daandiin qilleensichaa, appiliikeeshinii  bilbila sochootu fayyadamuun isaa jalqabaa ta’uu danda’eera.

Yaalin appiilikeeshinii kun har’arraa eegalee Finfinneerra gara Waashiingitanii fi Tooroontootti balaallii taasifamuu fi Landaanii fi Tooroontoorra gara Finfinneetti balaalli taasifamuurratti ni gaggeeffama jedhameera.

Appilikeeshinii bilbila soochootuu kun adeemsaa talaallii fi qorannoo vaayrasii koroonaa imaltootaa mirkaneessuuf kan dandeessisuudha jedhameera.

Appilikeeshinichi imaltootaaf odeeffannoowwan imalaa duraa qorannoo akkamii taasisuu akka qaban, tarkaanfiiwwan biroo fudhachuu akka qaban ni laataa.

Maddi:- Woorldi Eer Weeyin

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.