Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa tajaajila balallii gara Naayijeeriyaa Inuuguutti taasisu dhaabee ture jalqabuufi

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Daandiin qilleensa Ityoophiyaa tajaajila balalii gara Naayijeeriyaa Inuuguutti taasisu waggoota lama dura dhaabee irra deebiin  balallii jalqabuuf akka ta’e ibsameera.

Daandii qilleensa Ityoophiyaatti hoogganaan Biiroo Naayjeeriyaa obbo Shimallis Arraagee, tajaajila balallii gara magaalaa Naayjeeriyaa Inuuguutti taasisu erga dhaabee waggoota lama booda irra deebiin eegaluuf akka jiru ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa tajaajila balallii kana kan eegalu Fulbaana 21, 2014 ta’uu fi Xiyyaara Booyiing 787 akka fayyadamu ibsameera.

Tajaajilli balallii kun kan kennamu torbanitti guyyoota sadii ta’uus obbo Shimallis himaniiru.

Tajaajjilli balalii kun addaan cite kan ture  Abbaan Taayitaa Balallii Naayjeeeriyaa daandii qilleensichaa haaromsuuf cufee turuusaatiin akka ta’e ibsameera.

Daandiin qilleensaa kun tajaajila balallii osoo addaan hin kutiin dura balallii idil addunyaa gara magaalittiitti kan taasisu daandii qilleensa Ityoophiyaa qofa akka ta’e obbo Shimallis yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.