Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa talaallii koroonaa imalchiisuuf qophii xumureera

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa talaallii dhibee vaayrasii koroonaa imalchiisuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Talaallichi xumuramuun geejjibaaf qophii hanga ta’utti eeggachaa jiraachuu ibseera.

Talaallicha imalchiisuuf dhaabbaata Aliibaabaa Saaynaa Giloobaal waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Qabbaneessa sadarkaa isaa eeggateen torbanitti yeroo lama Sheenzaa gara Afrikaa, akkasumas Finfinnee gama Dubaayiin guutuu addunyaatti ni rabsa jedhame.

Waldaan Geejjiba Qilleensaa idil addunyaa  tajaajila loojastiksii qorichaa buufataalee xiyyaaraa Chaayinaaf  eeyyama laate 4 keessaa Buufanni xiyyaaraa Sheenzaan ishee tokko ta’uu ibsameera.

Qaama Gruup Aliibaabaa kan ta’e Bobbiin loojastiksii Neetwarkii Keeniiwoos  Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa waliin qorichoota kana ni imalchiisa jedhameera.

Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam, daandichi beekkamtii idila addunyaa argate bu’ura taasiisuun baatii muraasaan dura eegalee meeshaalee ittisa Covid -19 imalchiisaa turuu himaniiru.

Ammas ga’umsa qabu deeggaramuun talaallii vaayrasii koroonaa itti gaafatamummaan guutuu addunyaatti rabsuuf adda duree ta’uu addunyaaf ni mirkaneessa jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.