Fana: At a Speed of Life!

Daangaa Iityoo Keeniyaa, Marsaabeetitti iddoon gabaa dabalataa banamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Keeniyaan hariiroo daldalaa fi sochii lammiilee caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu beeksiste.

Magaalaa Mooyyaaletiin alatti Marsaabeetitti naannoo gabaa dabalataa banuuf qophii xumuruu beeksifteetti.

Deeggarsaa fi gaaffii bulchiinsa Marsaabeetin kan ijaarramu naannoon gabaa kun dhibeewwanii fi daldala koontiroobaandii to’achuuf ni gargaara jedhameera.

Daayreektarri olaanaa bulchiinsa daangaa Keeniyaa Keeniday Niyaayoon, biyyoota waldaangeessan 26 irratti naannoo gabaa banuuf karoora qabaachuu isaanii himuun, kanneen keessaa Ityoophiyaan ishee tokkodha jedhan.

Keeniyaan Ityoophiyaa waliin lafa kiilo meetira 897 kan wal daangeessitu ta’uu himuun, daangaa kanarratti naannoon gabaa tokko qofti daldalaaf ga’aa akka hin taane ibsaniiru.

Ityoophiyaa waliin waliigaltee daldala bilisaa mallattaa’e gaggeessuuf naannoo Maarsaabeet, Waajiraa, Maandeeraa fi Hara Tuurkaanaan iddoolee barbaachisoodha jedhan.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.