Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan damee fayyaan hariiroo Ityoophiyaa fi Ruwaandaa cimsuurratti kaayyeffate gaggeeffame 

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Daawwannaan damee fayyaan hariiroo Ityoophiyaa fi Ruwaandaa cimsuurratti kaayyeffate gaggeeffamuu ibsame.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Ministirri Ministeera Ruwaandaa Dooktar Daani’eel Neemiijeen Koolleejjii Fayyaa Miliiniyeemii Hospitaala Qiddus Phaawuloos daawwataniiru.

Daawwannaasaaniin kenniinsa tajaajila yaala fayyaa fi sagantaalee barnoota fayyaa hospitaalichaa daawwataniiru.

Daawwannichi tumsa waajjiraalee ministeerotaa lameen gidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eerameera.

Tumsa damee fayyaan waajjiraaleen kunneen waliif taasisan haala cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan hospitaalicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.