Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan Ministira Alaa Chaayinaa tumsa Beejingi Ityophiyaaf qabdu gochaan kan mirkaneessedha – Hayyoota

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Daawwannaan Ministira Alaa Chaayinaa tumsaa fi michummaa cimaa Beejingi Ityophiyaaf qabdu gochaan kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni ibsaniiru.
Biyyoota Lixaa humnoota Ityoophiyaa diiguuf ka’an cinaa dhaabbataniif ergaa cimaa kan dabarse ta’uu Hayyoonni Dippiloomaasii fi Seeraa Faanaa Broodkaasting Korporet waliin turtii taasiisan himaniiru.
Keessattuu Daawwannaan ministirichaa shira olola sobaa Finfinnee ilaalchisee Miidiyaaleen tamsaasaa turan kan saaxile ta’uu himaniiru.
Dhimmoota Afrikaa fi Biyyoota Baha Giddu galeessarratti qorannoo fi qo’annoo kan hojjetan Barreessaa obbo Asnaaqaw Sisaay, Chaayinaan ejjennoo birmadummaa Ityoophiyaa kabajuuf qabattee turte daawwannaa gochaan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Barsiisaan Seeraa Yuunvarsiitii Finfinnee obbo Simeenahi Kiroos gama isaaniin, Chaayinaan yeroo murteessaa kanatti Ityoophiyaa cinaa dhaabbachuun ishee adeemsa Ameerikaaf deebii kan laatu ta’uu eeraniiru.
Hayilayesuus Makonniintu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.