Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan Muummeen Ministiraa Ugaandaa fi Ruwaandaatti taasiisan bu’aa qabeessa ture jedhame

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) –Daawwannaan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ugaandaa fi Ruwaandaatti taasiisan bu’aa qabeessa kan ture ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Daawwannaan hojii Dooktar biyyoota lamaanitti taasiisan bu’aa qabeessa ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsaniiru.

Dookta Abiy turtii isaaniin hoggantoota biyyoota lamaanii waliin dhimmoota waloo fi naannawwarratti marii taasiisuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Biyyoonni rakkoolee isaan muudatu waloon haala furuu danda’anitti mari’achuu eeraniiru.

Daawwannichi hariiroo biyyoota kanneen caalmaatti kan cimse ta’uu himaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.