Fana: At a Speed of Life!

Dabalee Qaabataan Komishinara Gumruka Afrikaa cimaa ta’uun beekkamtii argatan

Finfinnee, Mudde 7, 2015 (FBC) – Komishinar Dabalee Qaabataan Komishinara Gumruka Afrikaa cimaa ta’uun beekkamtii argataniiru.

Sagantaan Badhaasaa Dhaabbanni Badhaasaa Pabliik Sarvisii Afrikaa ‘Optimam Awards’ jedhamu dhaabbilee Mootummaa Tajaajila gaarii laatan badhaasuuf qopheessu Gaanaa Magaalaa Akiraatti gaggeeffameera.

Haaluma Kanaan Dhaabbilee Tajaajila Gumrukaa Afrikaa keessaa Komishinarri Komishinii Gumrukaa Ityoophiyaa Komishinar Dabalee Qaabataan Komishinara Cimaa Komishinii Gumrukaa Afrikaa jedhamuun beekkamtii argataniiru.

Komishinar Dabaleen hogganaa murtee laataa cimaa ta’uun beekkamtii kana argataniiru jedhame.

Komishinar Dabaleen Gaanaa Magaalaa Akiraatti argamuun badhaasa kan fudhachuu isaanii ibsameera.

Akkasumas beekmticha cinaatti yaa’ii dhaabbatummaa dhaabbilee Tajaajilaa Afrikaa haala tajaajila kennuu fooyyessuurratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu isaanii ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.