Fana: At a Speed of Life!

Daldalaan lammii Kanaadaa Doolaara Kanaadaa miiliyoona 1 gubuu isaa mana murti beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Daa’ima haadha manaa isaa duraarraa godhateef guddisa hin kaffalu jechuun Doolaara Kanaadaa miiliyoona 1 gubuu isaa mana murtii kan beeksise daldalaan lammii Kanaadaa gochi isaa ijoo dubbii ta’eera.

Jiraataa Otowaaw kan ta’e namni Bruus Makuunviilee jedhamu tilamaaman Doolaara Kanaadaa kuma dhibba 7 fi kuma 50 ta’u herreega baankii garagaraa 6 irraa baasii taasisuun isaa ibsameera.

Namni kun Fulbaanaa 23,bara Faranjootaa 2019 Doolaara Kanaadaa kuma dhibba 7 fi kuma 43, Muddee 15 ammoo Doolaara Kanaadaa kuma dhibba 2 fi kuma 96 gubuu isaa mana murtiitti dhiyaate abbootii seeratti himeera.

Namni kun kanaan dura nama gocha akkasiin hin beekkamne, nama hojii daldalaan waggaa 31 dabarseedha jedhameera.

Maallaqicha gubuu isaa viidiyoon waraabbamee fi suurri ragaaf dhiyaateera.

Abbaan seeraa mana murtii olaanaa Keeviin Filiippis gochicha amanuun baayy’ee nama rakkisa jechuun murtii cimaan akka isa eeggatu himaniiru.

Maddi፡- odditycentral

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.