Fana: At a Speed of Life!

Daldalli alaa Chaayinaa baatii Fulbaanaa dabaluu ibsame

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2014 (FBC) – Daldalli Alaa Chaayinaa baatii Fulbaanaa %28.1 dabaluu ibsameera.
Daldalli keessaa biyyattii ammoo baatii darbe waliin wayita wal bira qabamee ilaalamu %17.6n hir’isuu ibsameera.
Chaayinaan baatii Fulbaanaatti daldala alaarraa Doolaara Biiliyoona dhibba 3 fi biiliyoona 5 fi miiliyoona 7 fi kuma dhibba 4 kan argatte yoo ta’u, daladala keessaa Doolaara biiliyoona dhibba 2 fi biiliyoona 38 fi miiliyoona 98n taasisuu odeeffannoon jijjiirraa daldalaa biyyattii ni muul’isa.
Biyyattiin daldala alaa fi keessaatiin dhiibbaa gaarii fi badaa keessumeessitus sadarkaa idil addunyaatti fedhiin dhiyeessii dabaluun isaa daldala alaa chaayinaaf qooda olaanaa kan taphate ta’uu Abbaan Taayitaa Gumuruuka biyyattii Lii Kuween ibseera.
Maddi:- CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.