Fana: At a Speed of Life!

Dambaliin haaraan Weerara Covid – 19 sadarkaa biyyaalessatti muul’achuu ibsame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC) – Dambaliin haaraan Weerrara Covid – 19 sadarkaa biyyaalessatti muul’achuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa utaalloo tibbana muul’atee ilaalchisee ibsa laateera.

Utaalloo tibbana uumame hordofee samuudaa dhaabbilee tokko tokko fudhatame keessaa % 59 – 86 koroonaan kan irratti argame ta’uu ibseera.

Keessattuu guyyoota 15 darban magaalaa Finfinneetti weerarri Covid-19 daraan daluu Inistiityuutichi ibseera.

Namoota gara buufataalee fayyaa deemuun qorataman kuma 55 keessaa kuma 25 irratti vaayrasichi muul’achuu eereera.

Torbee 2 dura hammi Covid-19n qabamuu % 5 ture yeroo ammaa %36 qaqqabuu himeera.

Inistiityuutichi hawaasni dagannaa malee maloota ittisaa fi to’annoo dhibichaa hojiirra oolchuu akka qaban waamicha dhiyeesseera.

Dhaabbileen tajaajilaa keessattuu mannee barnootaa fi manneen hojii of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban hubachiiseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.