Fana: At a Speed of Life!

Damee albuudaa Ityoophiyaarratti dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa garaagaraa waliin mariin gaggeeffamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Damee albuudaa Ityoophiyaarratti dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa garaagaraa fi deeggartootaa waliin mariin gaggeeffamuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen damee albuudaa Ityoophiyaarratti dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa garaagaraa fi deeggartootaa waliin mari’ataniiru.

Marichaan dandeettii albuudaa Ityoophiyaarratti ibsa taasisuu Injinar Taakkalaan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Dhaabbileen maallaqaa kunneen proojektiiwwan damee albuudaa deeggaruuf akkasumas dameelee dhuunfaa damichaa maallaqaan deeggaruuf fedhii qabaachuu ibsuu isaanii kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.