Fana: At a Speed of Life!

Damee barnoota olaanaa ammayyeessuuf deeggarsi Doolaara miiliyoona 1 argame

Finfinnee, Waxabajjii 1,2012(FBC)- Damee barnoota olaanaa ammayyeessuuf deeggarsi Doolaara miiliyoona 1 argame.
 
Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo FDRI akka beeksisetti deeggarsichi damicha sadarkaa idil addunyaatti ammayyeessuuf kan oolu ta’a.
 
Deeggarsi Doolaara miiliyoona 1 kun kan argame karaa Biiroo Dhimma Alaa Ameerikaatin kan hogganamu Biiroo Dhimma Afrikaatini.
 
Ityoophiyaan carrichaaf filatamuus Finfinneetti kan argamu Imbaasiin Ameerikaa beeksiseera.
 
Deeggarsichi beekumsa qooduu fi muuxannoo gaggaarii babal’isuu kan qabu ta’uu imbaasichi ibseera.
 
Deeggarsichaafis proojaktoonni lama filatamaniiru.
 
Kan jalqabaa carraa hojii uumuu biiznasiirratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kan lammaffaammoo ijaarsa dandeettiirratti kan hojjetu ta’a.
 
Proojaktiin jalqabaa kan waggaa lamaa yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo kan waggaa sadiiti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.