Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii ogummaa ogeeyyii fayyaa cimsuuf leenjiin itti fufiinsa qabu bifa haaraan kennamuu eegaluufi

Finfinnee,Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Dandeettii ogummaa ogeeyyii fayyaa cimsuuf leenjiin itti fufiinsa qabu bifa haaraan kennamuu eegaluufi jedhame.
 
Bara dhufu jalqabaa eegalee ogummaa ogeeyyii fayyaa cimsuuf leenjii itti fufiinsan kennamu ilaalchisee Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsa laataniiru.
 
Yeroo ammaa Saayinsiin yaala fayyaa fi haalli itti fayyadama teeknooloojii haalan guddachaa jiraachuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Akkasumas hojmaanni fi yaadoonni haaraan babal’achuu himaniiru.
 
Fedhiin hawaasni tajaajila fayyaa argachuuf qabus sadarkaa olaanaan dabalaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Haala yeroo giddugaleessa godhachuun dandeettii ogummaa ogeeyyii fayyaa cimsuun daraan barbaachisaa ta’ee argameera jedhan Dooktar Liyaan.
 
Sirni ogummaa cimsuu kun hojmaata ciccitaa fi dadhabaa ture bifa fooyyee qabuun gurmeessuuf kan qophaa’e ta’uu eeraniiru.
 
Sirni kun ogummaa fi ga’umsa ogeeyyii cimsuuf kan kaayyeeffame ta’us qulqullina tajaajila fayyaa fooyyeessuuf illee ga’ee olaanaa qabaachuu Dooktar Liyaan himaniiru.
 
Sirnichi ga’umsaa fi ogummaa ogeeyyii fayyaa dabaluu cinaatti guddina ogummaa dorgomaa ta’e uumuu akka danda’us himaniiru.
 
Ga’umsa ogummaa fayyaa to’achuuf ulaagaa ta’uus danda’a jedhan.
 
Hojmaatichi qajeelfama kana dura ture bu’ura godhachuun hojiirra kan oolu ta’uu kan ibsan Dooktar Liyaan, qaamoleen qooda qaban hundi ga’ee isaanii akka ba’an gaafataniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.