Fana: At a Speed of Life!

Dandeettii qorannoo vaayrasii koroonaa dhaabbilee laabraatoorii Ityoophiyaa cimsuuf hojjetamaa jira

Finfinnee,Caamsaa 14, 2012 (FBC) –Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Ameerikaa humna dhaabbilee qorannoo laabraatoorii Ityoophiyaa cimsuuf deeggarsa taasisuu himame.
 
Giddugalichi waggoottaan 20n darbanitti Ityoophiyaatti giddugala qorannoo laabraatoorii fi bu’uraalee misooma fayyaa babal’isuuf Doolaara miiliyoona 64 ol deeggarsa taasisuu ibsameera.
 
Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Ameerikaa ga’umsa ogeeyyii qorannoo laabraatoorii cimsuuf qorannoo laabraatoorii qabatamaa dhibee covid -19 gaggeessaniiru.
 
Giddugalichi yeroo ammaa humna dhaabbilee qorannoo laabraatoorii Ityoophiyaa cimsuuf Ministeera Fayyaa, Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, dhaabilee mootummaa biroo fi deeggartootaa waliin tatamsa’ina weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsameera.
 
Qorannicha caalmaatti guddisuuf ogeeyyiin giddugalichaa qaamoolee dhimmicharratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himameera.
Dhibicha ittisuu fi to’achuuf gareen giddugalichaa lama Giddugala Qorannoo Dhiigaa Biyyaalessaa keessatti deeggarsa teeknikaa taasisaa jiraachuu himameera.
 
Giddugalli Ittisaa fi To’annoo dhibee Ameerikaa Ityoophiyaatti baroota dheeraaf dhibee daddarboo ittisuuf deeggarsa seenaa qabeessa taasisaa turuu isaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaatti dursaan garee hordoffii fi deebii kennaa dhibee qaama hargansuu obbo Addaamuu Taayyaachoo ibsaniiru.
 
Keessattuu qorannoo laabraatoorii dhibeewwan garaagaraarratti gaggeeffame cimsuurratti shoora olaanaa ba’aa akka jiru dubbataniiru.
 
Baatii sadiin dura samuudaa dhibee vaayrasii koroonaa qorachuuf biyya alaatti ergamaa kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa Finfinnee dabalatee naannooleetti dhaabbileen qorannoo hedduun hojii eegaluu isaanii himaniiru.
 
Ityoophiyaan yeroo ammaa guyyaatti samuuda namoota kuma 4 qorachuuf humna qabaachuu ishee ragaan Imbaasii Ameerikaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.