Fana: At a Speed of Life!

Dargaggeessa maashina sa’aatiitti boqqolloo kuntaala 150-200 falaffalu kalaqe

Dargaggeessa maashina sa’aatiitti boqqolloo kuntaala 150-200 falaffalu kalaqe

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Wandimmaaganyi Caalii, dargaggeessa umrii 27 jiraataa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Waabaraa Magaalaa Qaaqeeti.

Wandimmaaganyi, konkolaataa suphaa fi konkolaachisaa kan ture amma maatii horatee abbaa daa’ima tokkoo yoo ta’u, kalaqaa garaagaraa hojjechuu, hojiilee suphiinsa motooraa fi kanneen biroo hojjechuun jireenya isaa geggeeffata.

Dargaggeessi kun Barnootaa Leenjii Teekinikaa fi Ogummaan waraqaa ragaa kan qabu yoo ta’u, qonnaan bultoota naannawaa isaa yeroo midhaan walitti qaban, rakkoo boqqolloo falfaluuf isaan mudaturraan ka’uun furmaata barbaaduu eegale.

Interneetiirraa beekumsaa dabalaataa argachuuf sakattaa’uu fi namoota beekurraa muuxannoo horachuun kalaqaa isaaf yaadaa ka’umsaa taasifate.

Sochii isaan milkaa’ee bara 2012 meeshaalee naannootti argaman walitti qabuun, motoora paampii gabaarraa bituun maashina sa’aatii tokkotti boqqolloo kuntaala 70-100 falaffalu kalaquu danda’e.

Kun kalaqaa isaa maashina harka hiikkannaa jalqabaa yoo ta’u, boodarra hanqinaalee maashinichi qabu fooyyessuun bara 2013 maashina 2ffaa callaa fi huuba adda baasuun callaa qulqulluu kennu kalaqee hojiirra oolche.

Maashiniin kunis sa’atii tokkotti boqqolloo kuntaala 150 hanga 200 falaffaluu kan danda’uu fi boba’aa naafxaa liitira lamaan dalagaa oolu ta’uun ibsameera.

Maashina kana hojjetee baasuuf yoo baay’ate baasii waliigalaa Birrii kuma 35 akka gaafatu hima.

Haaluma kanaan, dargaggoo Wandimmaaganyi Caaliin, qonnaan bultoota naannoo fayyadamtoota taasisuun, ofiis galii irra argachaa jiraachuu ragaan Kominikeeshini Godina Qellem Wallaggaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.