Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoon Birrii Kuma 40 fi meeshaalee biroo Baajaajiisaa keessatti arge abbaa maallaqaaf deebise

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Magaalaa Cirootti dargaggoon Birrii Kuma 40 dabalatee meeshaalee biroo Baajaajiisaa keessatti arge abbaa maallaqaa iyyaafachuun deebisuufii ibsameera.

Dargaggoo Shamsuu Mahammad jiraataa Magaalaa Ciroo konkolaachisaa baajaajii yoo ta’u, bajaajiisaa keessatti borsaa Birrii kuma 40  fi bilbila lama baatu akkasumas meeshaalee biroo borsaa waliin jiru abba qabeenya iyyaafachuun gara Waajjira Poolisii Magaalaa Cirootti fiduun kennuufii eerameera.

Dargaggoon kun haqa nama kan hin  barbaadne,haqni nama miidhaa malee bu’aa kan hin qabu ta’uu ibseera.

qonnaan bulaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaati,

Mucaa jalaa dhukkubee yaalchisuuf osoon deemaa jiranuu borsaa uffataa xiqqaa keessatti Birrii kuma 40 fi bilbila dabalatee,meeshaalee biroo baajaajii keessatti irraanfatanii  bu’uu ibsaniiru abbaan qabeenyichaa Obbo Kaasayee Dabbaqaa.

Maallaqni ilma nama ni soba ni gowwoomsaas garuu,dargaggoon kun kanaaf osoo hin jilbiifatiin mallaqaa kana iyyaafate naaf deebisuu isaatiif goota haqaati jechuun dargaggoo kana gochaa isaatiif galateeffataniiru.

Dargaggoo Shamsuun hojii kana hojjechuu isaatiin , nama haqaatii fi fakeenya dargaggoo hundaati, dargaggoonni haqummaa irraa barachuu akka qaban Itti gaafatamaan Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Ciroo Inispeektar Mikaa’eel Daanyee ibsaniiru.

Dargaggoonni akka isaatii bakka hundaati yeroo mara qaamolee nageenya waliin dhimmoota akkanaa fi kan biroo irratti haqa eeguufi olaantummaa seera kabachiisuu keessatti qooda isaanii bahachuu akka qaban ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.