Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoon umurii waggaa 17 qorannoo guyyaa 3n plaaneetii haaraa argate

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Dargaggoon umurii waggaa 17 Dhaabbata Qorannoo Hawaa Ameerikaa keessatti shaakkala qorannoo gaggeessaa jiru guyyaa 3ffaatti plaaneetii haaraa argate.

Dargaggoon Woolf Kuukiiyer jedhamu  Saatalaayitii guddaa tokko osoo hordofaa jiruu Waan haaraa arge.

Waan haaraan kunis dachee irraa bara ifa aduu kuma 1 fi 300 fagaatee argama.

Oduun dhaga’ame kunis qalbii namoota hedduu harkisee jira.

Plaaneetiin kun  dachee harka 6.9 kan caalu yoo ta’u, moggaasa TOI 1338 b jedhamu argatee jira.

Dabalataan TOI 1338 b urjiilee lama irra kan naanna’u ta’uu ogeeyyiin damicha mirkaneessaniiru.

Kunis argannoo addaa isa taasisa jedhameera.

TOI 1338 b hoo’ina olaanaa waan qabuuf jireenya lubbu qabeeyyiif mijataa ta’uu dhaba jedha Woolf.

Plaaneetiin kun cirracha tokko illee kan hin qabaanne ta’uu qorataan kun ibsee jira.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.