Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni nageenya tikfachuun hojiiwwan misoomaa keessatti dammaqninaan hirmaachuu qabu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Dargaggoonni nageenya tikfachuun hojiiwwan misooma keessatti dammaqninaan hirmaachuu akka qaban Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Yusuuf ibsan.

Koonfiransiin dargaggoota godinaafi magaalaa Jimmaa gaggeeffameera.

Ijaarsa biyyaa keessatti gaheen dargaggootaa olaanaa ta’uu Aadde Saamiyaan dubbataniiru.

Dargaggoonni nageenya tikfachuun misooma biyyaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan gaafataniiru.

Bulchaan godinichaa obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, hojiiwwan garaagaraa godinchatti hojjetamaa jiraniin fayyadamummaan dargaggootaa mirkanaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan ijaarsa siyaasaa magaalaa Jimmaa obbo Jifaar Badiruu gama isaaniitiin, dargaaggotni birmadummaa biyyaa kabachisuuf gumaacha guddaa taasisaa turuu eeruun, gara fulduraatti nageenya naannoo isaanii mirkaneessuuf dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.