Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota dandeetti kalaqaa qaban horachuuf hojimata garagaraa diriirsuun hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Barnootaa

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Dargaggoota dandeetti kalaqaa qaban horachuuf hojimata garagaraa diriirsuun hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Barnootaa.

Sagantaa kalaqa dargaggoota irratti xiyyeeffatuu qopheessummaa Imbaasii Niizeerlaandii mata duree “Youth at heart” jedhamuun gaggeeffama jira.

Sagantaa kan irrattis kan argaman Ministirrii Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa hojiilee Minteerri Barnootaa dargaggoota ogummaa kalaqaa qaban jajjabeessuuf hojjechaa jiru ibsan.

Dooktar Injiinar Geetahuun dargaggoota akkasii jajjabeessuuf barnootaa idilee waliin barumsi kalaqa irratti xiyyeeffatuu haala kennamuu danda’amuu irratti hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Sagantaa kanarratti daraggoonni muuxannoo isaaniifi rakkoo isaan muudachaa turee kaasaniiru.

Dhimmooni sagantaa kanarratti ibsaman qaama mootummaa imamataa baasaniif galtee ta’as jedhameera.

Kan duraa sagantaan kun biyyaa Niizeerlaanditti kan qophaa’ee ture baranaa garuu sababa vaayraasii koronattiin qaamaan gageeffamuu hin dandeenye jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.