Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoota magaalaa Finfinnee kuma dhiba 2 oliif carraan hojii uumameera

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Dargaggoota magaalaa Finfinnee kuma dhiba 2 oliif carraan hojii uumameera.

Baatiiwwan kurnan darbanitti dargaggoota hoji dhabeeyyii kuma dhibba 2 carraan hojii uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Misooma Intarpiraayizii Finfinnee beeksiseera

Itti aanaan biricha obbo Mikiyaas Muluugeeta, lammiilee carraan hojii umaammeef kuma dhibba 2 fi kuma 29 fi 46 keessa %82 dargaggoota yoo ta’aan, 9.5 kan ta’an ammoo ebbifamtoota haaraa dhaabbata barnoota olaanooti jedhan.

Kanneen carraan hojii uumameef kumni 52 hoji barbaaddotaa fi kanneen ogummaa garaagaraan dhaabbilee ogummaa fi teeknikarraa leenjii fudhataniidha.

Intarpiraayiziichi dabalataan dhuma bara baajatichaatti  lammiilee hoji dhabdoota kuma dhibba 2 fi kuma 19 fi 386f carraa hojii uumuuf hojjeetama jira jedhameera.

Abbootiin dhaabbaticha kuta magaalaa Gulallees ta’e aanichii deeggarsa cimaa taasisaafi jiraachu ibsuun,  hanqinni dhiyeessiin faayinaansii, humni nama leenji’ee gufuu akka itti ta’ee ibsaniiru.

Lammiilee carraan hojii umaameef hordooffii fi deeggarsa kan taasisaan itti gafaatamaan biiroo caarraa hojii uumuu  aanaa 8 obbo Dassaaleeny Haayiluu, dhaabbileen kunneen hanqinni kaasaan jiraachuu himuun hanqinichi adeemsa keessaa akka furamuu himaniiru.

Lammiileen carraan hojii uumameefis hojii osoo hin tuffatiin gurmaa’uun carraa hojii mootumman uumuufitti akka fayyaadamaniif waamicha dhiyeessufi ragaan TOI irraa arganne ni muul’dhisa.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.