Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa daldala elektirooniiksii Afrikaatif waliigalteen Doolaara Ameerikaa biiliyoona 20 mallatteeffame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Deeggarsa daldala elektirooniiksii Afrikaatif waliigalteen Doolaara Ameerikaa biiliyoona 20 mallatteeffame.
 
Waliigalticha Daldalli Elektirooniikii Afrikaa, Baankiin Misoomaa Islaamiikii, Kaawunsiliin Biiznasii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa(Koomeessaa), dhaabbilee indaastirii misooma gogaarratti bobba’an 30 ta’an waliin mallatteessaniiru.
 
Waliigaltichi hoji uumtummaa dargaggootaa fi dubartootaaf kan oolu ta’uu, hoji raawwachiisaa olaanaan Daldala Elektirooniikii Afrikaa obbo Mulu’aalam Siyyuum ibsaniiru.
 
Waliigalteen irra ga’ame waggoottan 15n dhufanitti hoji uumtota xixiqqaa fi jiddugaleessaa miiliyoona 5f deeggarsa biiznasii diijjiitaalaa taasisuun namoota miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 25f carraa hojii uumuuf gargaara.
 
Waliigalteen mallatteeffame dargaggoonni carraa gabaa bilisaa Afrikaatti akka fayyadaman, bulchiinsa faaynaansiin deeggaruuf oola.
 
Awwal Abarraatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.