Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa naannoo gammoojjiif konkolaattoonni 58 naannolee jahaaf raabsaman

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa deeggarsa naannooo gammoojjiif Konkolaattoota 58 naannolee jahaaf raabse.
Konkolaattoonni kunneen naannoo Oromiyaa, Somaalee, Afaar, Kibba, Beenishaanguul Gumuuzii fi Gaambeellaaf raabsamaniiru jedhame.
Konkolaattoonni baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 82 oliin bitaman 58 aanaaleef kan raabsaman ta’uu ibsameera.
Aanaalee 100 proojekticha keessatti hammataman keessa kana dura aanaalee 42f konkolaattoonni raabsamuu Ministeera Nageenyaatti Qindeessan Proojektoota fooyya’iinsa jireenya naannoo Gammoojjii obbo Sa’id Umar ibsaniiru.
Proojektii fooyya’iinsa jireenya naannoo Gammoojjii raawwachiisuuf Doolaarri miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 51 raamadamuu himaniiru.
Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 50 Baankii addunyaarraa, miiliyoonni 90 ammoo sagantaa nyaataa addunyaarraa deeggarsaan kan argame ta’uu eeraniiru.
Doolaarri miiliyoonni 11 ammoo hawaasaarraa akaakuu fi buusii maallaqaan kan argame ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.