Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne harcaatoonni Juuntaa gufuu ta’aa jiru – Waajjira Muummee Ministiraa

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin seenne harcaatoonni Juuntaa gufuu ta’aa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiise.

Tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaan fudhate hordofee harcaatoonni garee Juuntaa dhiyeessii deeggarsa namoomaarratti gufuu ta’aa jiraachuu waajjirichi ibseera.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee fi Raayyaan Ittisaa magaalaa Maqalee magaalota biroo gadi dhiisee osoo hin ba’in dura Koreen Qindeessaa Yeroo Ariifachiisaa baatiwwan darban marsaa 3n deeggarsa taasiisuu ibsameera.

Korichi midhaan kuntaala kuma dhibba 4, Zayita nyaataa liitira miiliyoona 2.5 fi Boba’aa Liitira miiliyoona 14 tajaajila ummataaf akka oolu kuusee turuu himeera.

Dhaabbileen deeggartootaa lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaa daangaa hin qabne akka dhiyeessan mootummaan eeyyamuu waajjirichi ibseera.

Mootummaan nageenyaa biyyaaleessa haala balaarra hin buuneen ummata naannoo Tigraayiif deeggarsi barbaachisu akka dhiyaatu haala nageenyummaan isaa eeggameen akka qaqqabu murannoo qabu cimsaa jiraachuu kaaseera.

Dabalataan mootummaan deeggarsa namoomaaf balalliiwwan Finfinnee ka’uun gara naannoo Tigraay taasiisaniif haala mijataa uumuu himeera.

Gara fuulduraas dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun deeggarsi namoomaa akka adda hin cinnee fi hawaasa miidhaman deeggaruuf mootummaan ibsuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.