Fana: At a Speed of Life!

Deeggartoonni kubbaa miilaa dhipphina cimaaf akka saaxilaman ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Deeggartoonni kubbaa miilaa dhiphina cimaaf akka saaxilaman ibsame.

Qorannoon tokko akka ibsutti deeggartootni miira guddaa keessa galuun yeroo gareen isaanii mo’amu waan dhiphataniif dhibee onneef saaxilamu.

Qorannoo Oksifoord bara Faranjoota 2014 yeroo Biraazil Jarmaniin Waancaa Addunyaa irratti mo’amtu samuudaa hancufa deeggartoota Biraaziil fudhachuun gaggeeffameera.

Bu’uuruma qorannoo kanaatin hoormooniin Kortisool jedhamu yeroo Jarman 7 fi 1’n Biraaziliin mo’attu akka malee ol ka’ee argameera.

Kun dhiibbaa dhiigaa fi onnee irrattis miidhaa guddaa fiduu danda’a.

Deeggartootni ofii isaanii qaama garee taphatu keessa of galchuun miira keessa galanii deeggaran yeroo taphicha ilaalanis qaamni isaanii miira garaagaraa keessa galaa taphichi xumurama.

Qaamni isaanii hormoonota adda addaa maddisiisuun deebii kenna jedhan Oksifoorditti qorannoo gaggeessuun kan beekamtu Dooktar  Maartaa Niwusan.

Hoormooniin Koortisool jedhamu yeroo dheeraaf ol ka’ee turuun;

  • Hidda dhiigaa dhiphisaa deema,
  • Dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa,
  • Onnee durumaan dadhabaa deemte akka malee miidha.

Hoormooniin kun yeroo ol ka’u namootni akka yeroo hunda miira dhiibbaa jala galan ykn balaaf saaxilamanii jiran keessaa akka galan taasisa.

Qorattootni yuunvarsiitii Oksifoord tapha dura, yeroo taphaa fi taphaan booda deeggartoota 40 irraa hancufa fudhachuun qorannicha taphoota Waancaa Adunyaa sadi irratti gaggeessan.

Namootni baay’een gaddaan guutamuun yaa’u.

Kanaafuu kilabootni taphaan booda ibsaa dimimmisaa tahe istaadiyeemii keessatti fayyadamuun muuziqaa suuta bashannansiisu taphachiisuu qabu jedhan qorattootni.

Maddi: BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.