Fana: At a Speed of Life!

Demokiraatiik Rippabiliik Koongootti weerara gifiraan lubbuun namoota kuma 6 ol darbe

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Demokiraatiik Rippabiliik Koongootti weerara gifiraan lubbuun namoota kuma 6 ol darbu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tatamsa’inni dhibichaa baayyee saffisa akka qabu ibseera.

Jalqaba bara Faranjoota dabarsinee eegalee biyyattiitti namoonni kuma dhibba 3 fi kuma 10 dhibichaan qabamaniiru.

Kanaan walqabatee guutummaa biyyatiitti daa’immaan waggaa shanii gadii miiliyoona 18 ol talaallii argachuun isaanii ibsameera.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektara Afrikaa kan ta’an Dooktar Maashidiisoo Mo’eetii weeraricha to’achuuf carraaqqin taasifama jiraachu himaniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.