Fana: At a Speed of Life!

Dhaabatni Fayyaa Addunyaa qorichi busaa Covid-19’f dawaa ta’uu isaarratti yaalii taasifamu adda kute

Finfinnee, Caamsaa 18, 2012 (FBC) –– Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qorichi dhibee busaa HaayidirooksiiKiloorokiin jedhamu vaayrasii koroonaaf dawaa ta’uu fi dhiisuu isaarratti yaalii gaggeessuun yaaddoo fayyaa yaalichi qaburraa kan ka’e adda kutuu ibse.

Yaaliin Naayijeeriya dabalatee biyyootni garaagaraa gaggeessaa jiran of eeggannoof jecha ”yeroodhaaf” akka adda citu ta’uu dhabbatichi ibsa Wiixata galgala kenneen beeksise.

Qorannoon fayyaa tokko qorichi busaa kun carraa du’uu dhukkubsattoota Covid-19 akka dabalu akeekuu isaa hordofeeti yaaliin qoricha kanaa akka adda citu kan murtaa’e.

Preezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, sababa vaayirasii kanaan ta’uu baatuus qoricha kana fudhachaa akka jiran ibsaa turan.

Ogeeyyiin fayyaa fi fayyaa hawaasaa qorichi busaa HaayidirooksiiKiloorokiiwiin jedhamu rakkoo onneef sababa ta’aa jechuun osuma gorsanii, Tiraamp gorsa kana booddeetti jechuun irra deddeebiin qorichi kun akka fudhatamu jajjabeessaa turan.

Barruu Fayyaa ‘the Lancet’ irratti qorannoon maxxanfame tokko HaayidirooksiiKiloorokiiwiiniin vaayrasii koroonaa waldhaanuuf yaaluun bu’aa hin qabu, inumaa kanneen vaayirasichaan qabamanii hospitaala jiran du’aaf saaxilaa jedheera.

HaayidirooksiiKiloorokiiwiin dhukkuba busaa waldhaanuuf yoo fudhatame rakkoo tokkoyyuu kan hin qabne yoo ta’u, vaayrasii koroonaaf waldhaanuuf garuu yaaliin fudhatamuu isaa deeggaru hin gaggeeffamne.

Yaaliiwwan qorichaa(clinical testing) kan gaggeessu Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa namootni ajaja ogeeyyii fayyaan alatti ofuumaaf qoricha kana fudhachaa rakkoo biraaf of saaxilaa jiraachuun isaanii isa yaaddessuu himaa ture.

Ibsa Wiixataa kanaan ammoo nageenyummaan isaa yaaddesssaa waan ta’eef toora qorichoota sadarkaa yaaliirra jiranirraa haqamuu beeksise.

Qorannoon ‘Lancet’ dhukkubsattoota  vaayrasii koroonaaf 96, 000 keessaa 15,000 kan ta’aniif qoricha Haayidirooksiikiloorokiiwiin fi isaan walfakkaatu qophaatti ykn qoricha biroo walin kennee qorate.

Achiis dhukkubsattootni qoricha kana fudhatan kanneen hin fudhanne wajjjiin walbira qabamee yoo ilaalamu rakkoowwan walxaxoo dhahannnaa onnee wajjiin walqabateen carran hospitaala keessatti du’uu isaanii guddaa ta’uu bira gahe.

Akka bu’aa qorannoo kanaatti carraan du’aa kanneen Haayidirooksiikiloorokiwiin fudhatanii 18%, Kiloorokiwiin kanneen fudhatanii 16.4%, kanneen hin fudhannee 9%. kanneen Haayidirooksiikiloorokiwiinfi Kiloorokiwiin qoricha birootti makuun fudhatan ammoo caalatti guddaadha.

Bu’uura kanaan qorattootni namootni bakka yaaliitti yoo ta’een ala qoricha kana akka hin fudhannes gorsaniiru.

Maddi:- BBC

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.