Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Dhimmoota Tarsiimawaa hojiilee raawwatee fi karoora isaa Ministeera nageenyaaf dhiyeesse

Finfinnee, Caamsaa 26, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Dhimmoota Tarsiimawaa hojiilee raawwatee fi karoora isaa Ministeera nageenyaaf dhiyeesse.
 
Itti gaafatamaan dhaabbata dhimmoota tarsiimawaa Haaleeluyaa Luulee hojiilee dhaabbanni isaanii hojjetee fi karoora isaa ministira Ministeera Nageenyaa aadde Muufirihaat Kamiiliif dhiyyeesaniiru.
 
Haala nageenyaa, Siyyaasaa, tikaa fi guddina siyyaasa Ityoophiyaa, fi gaafa Afrikaa ilaalchisuun marii taasisaniiru.
 
Itti gaafatamichi dabalataan Ministira Dhimma Alaa Obbo Gadduu Aandaargaachaw waliinis dhimmoota Tarsiimawaarratti ministeericha haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’achuu isaanii ragaan dhaabbatichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.